website trackingvisitor activity tracker
Tuesday May 21st 2013

‘Ijoo Dubbii’ Archive

“Kottu-Dhufee”

URJII, Fulbaana 03, 2010

Jecha kana illee goototatu itti fayyadama. Diina isaanii dorsisuuf yookaan irratti wal-gurmeessuf itti fayyadamu. Urjiin kanattii hin qabdu. Kan nuti jechuu feene wanna birooti.

Bitootessa 1994, ummataan ummata jidduutti dhalattee, jaalala guddaa horattee ummata jidduu jiraachaa kan ture gaazaxaan URJII, ittuma ummatni ishee ishee mararfatuu, dhiibbaa mootumma ukkamsituu fi abba-hirree Wayyaaneetiin, dhalattee ganna afur booda, jalqaba bara 1998 keessa maxxansaa ala taate. Kunis kan ta’e, irra guddaan qopheessitoota URJII funaanamanii mana hidhaatti darbamanii, kan hidhaa jalaa bahan ammoo baqatanii biyyaa erga bahanii booda ture. Qopheessittootni URJII kanneen hidhaatti darbamanis, wagga afur booda, yakkaa fi addabbii tokko malee, walaba jedhamanii gadii dhiifamani. Kunis wannii inni ifatti baase tokko yoo jiraate, himatnaan qopheessitoota URJII irratti dhihaatee fi hidhamuun isaanii sababa sobaatiin akka ture dha. Kan Wayyaaneen barbaadde, URJII dhabamsiisuu dha ture. Sana gochuuf immoo warra  gaazaxatti qopheessanu hidhuu fi biyyaa baasuu qabdi turte.

Qopheessitootni URJII warri ganna afur booda mana hidhaatii gadi-lakkifamanis maxxansa URJII itti fufuu hin dandeenye. Wayyaaneen wayita mana hidhaatii gadi lakkiftu, eebbiftee gadi hin lakkifne. “Ammaan booda, akka armaan duraa, isin qabnee, hiinee,  qoratnee, mana murteetti dhiheessinee, hidhuu fi kkf yeroo isinii wajjin balleessinu hin qabnu,” jettee doorsisuudhaan ture. Kanaaf jecha, warri mana hidhaatii gadi lakkifamanis filmaatni isaan qabanu biyya gadi-dhiisanii bahuu ture.

Qopheessitootni URJII warri biyyaa bahan kun, biyya ambaattis maxxansa URJII itti fufuuf yaalii  gudhanii turan. Garuu, sababa gara garaa irraa kan ka’e, yaaliin isaanii kun kan waaraa ta’uufii hin dandeenye. URJIInis immoo sammuu isaanii keessaa akka salphaatti baduu hin dandeenye. Ummata jidduudhaas, namootni tokko tokko, waa’ee URJII maal irraan geessanii jechuu hin dhiifne. Kana malees, haalli biyyi keenyaa fi ummatni keenya keessa jiruus, fooyya’uu osoo hin taane, daran babbadaa fi ummata keenyatti hammaachaa, mootummaan Wayyaanees abbaa-hirrummaa isaa gadi-jabeeffataa dhufe.

Egaan sababoota kanaa fi kkf irraa kan ka’e, carraa dagaaginni tekinolojii odeeffatnoo argamsiisetti fayyadamuudhaan, qopheessitootni URJII warri biyya ambaa kun, gaazaxaa URJII marsaa webii irratti maxxansuu eegalanii jiru. Kanaafuu, “Kottaa nuti dhufnee” isiniin jedhu.

Haalli biyya ambaa kun, URJIIdhaaf, akka haala isa biyya ifii sana ta’aaf jennee hin eegnu. URJIIn madda odeeffatnoo irraa fagaachuun ishee hin oolle. Ummatni Oromoo inni biyya keessaas URJII irraa fagaatee jira. Haata’u malee, dagaaginni tekinolojii odeeffatnoo rakkina kana hanga tokko nuuf salphisa jenneetu amanna.

Kan kanaan alaa garuu, URJIIn isheedhuma duraanii sana akka taatee fi tajaajila ummata isheetiif kennitu karaa ilaaluunis ishuma durii san ta’uu ishee isin yaadachiisuu feena.

Barreeffamni yeroo muraasa booda dhufa,! deebi’aa ilaalaa!

Latest Topics

Loss of Lives and Displacement Due to “Border Dispute” in Eastern Ethiopia

URJII Online 37 Oromo nationals are believed to have been killed and about 20,000 others displaced in relation to an [Read More]

Jailed Ethiopian Journalist Wins UNESCO Freedom Prize

URJII Online The UNESCO has awarded the Ethiopian journalist Reeyot Alemu, who has been detained since June 2011, the [Read More]

A Costly Trade-Off in Aid to Ethiopia

A Costly Trade-Off in Aid to Ethiopia

URJII online The dividing line between developmental assistance and aid that is intended to strengthen human rights and [Read More]

Ethiopia Included On CPJ’s First Ever ‘Risk List’

An international media advocacy group has identified 10 countries where press freedom has suffered in 2012. Risk List [Read More]

Ethiopia: Changes without Improvements

Ethiopia: Changes without Improvements

The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) has issued a statement regarding the ever deteriorating human [Read More]

Recent Comments

jeans levis 501 had this to say

jeans levis 501... wow,damm good post... Read the post

louis vuitton handbags had this to say

louis vuitton handbags... After I originally left a comment I seem to have clicked on the -Notify me when new comments Read the post

cheap jordan shoes had this to say

cheap jordan shoes... retro jordan shoes... Read the post

wholesale designer handbags had this to say

wholesale designer handbags... Religious Protests and Government Crackdown in Ethiopia | Urjii wholesale designer Read the post

111111111111111111.com had this to say

111111111111111111.com... www.111111111111111111.com... Read the post

Popular Topics