‘Ijoo Dubbii’ Archive
Author: admin Published: September 3rd, 2010
URJII, Fulbaana 03, 2010
Jecha kana illee goototatu itti fayyadama. Diina isaanii dorsisuuf yookaan irratti wal-gurmeessuf itti fayyadamu. Urjiin kanattii hin qabdu. Kan nuti jechuu feene wanna birooti.
Bitootessa 1994, ummataan ummata jidduutti dhalattee, jaalala guddaa horattee ummata jidduu jiraachaa kan ture gaazaxaan URJII, ittuma ummatni ishee ishee mararfatuu, dhiibbaa mootumma ukkamsituu fi abba-hirree Wayyaaneetiin, dhalattee ganna afur booda, jalqaba bara 1998 keessa maxxansaa ala taate. Kunis kan ta’e, irra guddaan qopheessitoota URJII funaanamanii mana hidhaatti darbamanii, kan hidhaa jalaa bahan ammoo baqatanii biyyaa erga bahanii booda ture. Qopheessittootni URJII kanneen hidhaatti darbamanis, wagga afur booda, yakkaa fi addabbii tokko malee, walaba jedhamanii gadii dhiifamani. Kunis wannii inni ifatti baase tokko yoo jiraate, himatnaan qopheessitoota URJII irratti dhihaatee fi hidhamuun isaanii sababa sobaatiin akka ture dha. Kan Wayyaaneen barbaadde, URJII dhabamsiisuu dha ture. Sana gochuuf immoo warra gaazaxatti qopheessanu hidhuu fi biyyaa baasuu qabdi turte.
Qopheessitootni URJII warri ganna afur booda mana hidhaatii gadi-lakkifamanis maxxansa URJII itti fufuu hin dandeenye. Wayyaaneen wayita mana hidhaatii gadi lakkiftu, eebbiftee gadi hin lakkifne. “Ammaan booda, akka armaan duraa, isin qabnee, hiinee, qoratnee, mana murteetti dhiheessinee, hidhuu fi kkf yeroo isinii wajjin balleessinu hin qabnu,” jettee doorsisuudhaan ture. Kanaaf jecha, warri mana hidhaatii gadi lakkifamanis filmaatni isaan qabanu biyya gadi-dhiisanii bahuu ture.
Qopheessitootni URJII warri biyyaa bahan kun, biyya ambaattis maxxansa URJII itti fufuuf yaalii gudhanii turan. Garuu, sababa gara garaa irraa kan ka’e, yaaliin isaanii kun kan waaraa ta’uufii hin dandeenye. URJIInis immoo sammuu isaanii keessaa akka salphaatti baduu hin dandeenye. Ummata jidduudhaas, namootni tokko tokko, waa’ee URJII maal irraan geessanii jechuu hin dhiifne. Kana malees, haalli biyyi keenyaa fi ummatni keenya keessa jiruus, fooyya’uu osoo hin taane, daran babbadaa fi ummata keenyatti hammaachaa, mootummaan Wayyaanees abbaa-hirrummaa isaa gadi-jabeeffataa dhufe.
Egaan sababoota kanaa fi kkf irraa kan ka’e, carraa dagaaginni tekinolojii odeeffatnoo argamsiisetti fayyadamuudhaan, qopheessitootni URJII warri biyya ambaa kun, gaazaxaa URJII marsaa webii irratti maxxansuu eegalanii jiru. Kanaafuu, “Kottaa nuti dhufnee” isiniin jedhu.
Haalli biyya ambaa kun, URJIIdhaaf, akka haala isa biyya ifii sana ta’aaf jennee hin eegnu. URJIIn madda odeeffatnoo irraa fagaachuun ishee hin oolle. Ummatni Oromoo inni biyya keessaas URJII irraa fagaatee jira. Haata’u malee, dagaaginni tekinolojii odeeffatnoo rakkina kana hanga tokko nuuf salphisa jenneetu amanna.
Kan kanaan alaa garuu, URJIIn isheedhuma duraanii sana akka taatee fi tajaajila ummata isheetiif kennitu karaa ilaaluunis ishuma durii san ta’uu ishee isin yaadachiisuu feena.
Category Ijoo Dubbii |

Category Ijoo Dubbii, OROOMIFFA |
Author: admin Published: August 30th, 2010
Barreeffamni yeroo muraasa booda dhufa,! deebi’aa ilaalaa!
Category Ijoo Dubbii |